Xurree ittiin seenan

Baqattoota Oromoo: Keenya Gamannis Gamasiis Ibidda Waan ta’eef Nuu Birmadhaa

  • Jaallannee Gammadaa

Mootummaan Somaaliilaand kan biyya ofii keessaa isaan ari’ee baqattonni Oromoo erga naannoo daangaa Wucaalee jedhamtu dhaqqabanii guyyaa kudhan ta’u dubbatu.Tohannaa immigreeshina Itiyoophiyaa jala ka jiran ta’uus hanga har’atti nyaatiis ta’e bishaan kennameef hin jiru.

Hargeessaa irraa yeroo ari’aman nyaataa fi maallaqa qabatanii dhufaniin gargaaramaa akka jiran dubbatu.Kan amma daran rakkoo isaanii hammeesse gara Iriyoohiyaa keessatti imalaa jedhamuun kokolaataa akka koran dirqisiifamuu isaanii ta’u dubbatu.

Baqattonni isaan biraa gidduu kana daangaa irraa gara biyyaa keessatti ergaman karaatti hidhattoota bulchiinsa naannoo Somaaleen qabamanii bilbila harkaa fi maallaqnii qaban harkaa fudhatamee kan hidhamanii turan jiru waan ta’eef eegumsa tokko malee deemuu hin sodaanna jechuun didaa jiru.

Bishaan dhugaatii qulqulluu dhaba irraa ijoolleen bishaan argamee dhugan garaa yaasaa ykn baasaan rakkataa akka jiran dubartoonni da’uumsatti dhiyaatan kanneen daa’ima xixiqaa qaban rakkoo keessa jiraachuu dubbatu.

Lakkofsii isaanii 500 akka ta’u kan ibsan baqattonni kun hunda keenya al tokkotti eegumsa mootummaa jalatti ituu geeffamne barbaanna waan ta’eef qaamnii dhimmi kun isa ilaallatu furmaata akka barbaaduuf iyyataa jiru.

Gaaffii deebii gaggeeffame dhaggeefadhaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG