Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Mootummaan Itiyoophiyaa Karaa Poolisii Keeniyaa dhiibbaa Baqattoota Oromoo irraan geessisuu itti fufeera’ Fiqaaduu Dirribaa Barreessaa Waldaa Baqattoota Oromoo Naayiroobi


Baqattoonni Oromoo Naayiroobii jiran dhiibbaa Mootummaa itiyoophiyaatiin rakkachaa jirra jechuun dubbatan. Barreessaan Waldaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Naayiroobii Obbo Fiqaaduu Dirribaa; Waldaan Baqattoota Oromoo akka seera Keeniyaatti ka galmaayee jiru ta’us yeroo ammaa kana garuu poolisiin Keeniyaa walgahuun keessan ‘Faayidaa Mootummaa Itiyoophiyaa tuqa’ jechuun wal geenyee akka gaggeessallee hin filanne nu dhorke jedhu. Akka Obbo fiqaaduutti murtee kana duuba kan jiru harka Mootummaa Itiyoophiyaati.

‘Mootummaan Itiyoophiyaa Karaa Poolisii Keeniyaa dhiibbaa Baqattoota Oromoo irraan geessisuu itti fufeera’ Fiqaaduu Dirribaa Barreessaa Waldaa Baqattoota Oromoo Naayiroobi
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:01 0:00

‘Yeroo gara garaa Mootummaan Itiyoophiyaa Qondaalota Poolisii kanaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetuu. Nuti akka hawaasa Koomiwunitii Oromoo Naayiroobiitti ijaaramnee galmoofnee hawaasa seeraan gurmaayee. Utuu sun jiruu yeroo rakkina keenyaa walitti dhufnee mariyachuudhaaf deemnu, namoota haaraa filachuudhaaf koree yoo nuti barbaannu, akka wal hin geenye dhiibbaa guddaa nurraan gahee Mootummaan Itiyoophiyaa karaa Naayiroobii Kaawuntii Poolisiitiin. Rakkina guddaatu nurra jiraa. Akka uummata keenya tajaajillutti miseensa walgahii walitti yaamnee ‘gathering permit’ fudhannee Paangaaniidhaa, erga fixnee galmaaf maallaqa baafneen booda, waraqaa eyyamaa ‘gathering permit’ illee nurraa fudhatanii ergasii wal gahuu hin dandeenyu, marii rakkina keenya walitti dhufnee waliin mariyachuu hin dandeenyu, uummata keenya qarqaaruu dadhabnee jirraa jechuudha.’

Qoqqobbiin kun erga Baqattoota Oromoorra kaa’amee gara waggaa ti. Haalli kuni kabaja Ayyaana Irreechaa silaa Naayiroobii naannoo ‘City Park’ jedhamutti waggaa waggaan gaggeeffamu, ganna darbee kaasee akka hafus godheera. Waggaa darbe ayyaana kana kabajuuf namoota ‘City Park’tti argaman Poolisiin Keeniyaa Wal gahii seeraan alaatii jechuun isaan bittinneessee, kan 42 ta’an to’annoo jela oolchee ture. Guyyaa afur boodas manni murtii Baqattoota Oromoo fi Lammilee Keeniyaa ayyaana kana kabaja ayyaanaa kana irratti qabamanii turan sana gadhiiseera. Leencoo Eeliyaas Baqataa Oromoo bara 2014, as gara

Naayiroobiitti baqatee dhufeedha. Innis namoota 42’mman ganna darbe to’annoo jela oolan keessaa tokko ture. Leencoon haala itti ganna darbe to’annoo jela oole yoo dubbatu, ‘Itti gaafatamaan isaanii nuti sadarkaa qaama nuu oliitu akka isin dhimma qabdan nutti bilbilee sagantaa achitti rakkoo biyya Itiyoophiyaa keessa jiru asittillee uumuuf deeman waan ta’eef dhaqaadhaatii namoota sana kaanis bittinneessaa qabaa jedhanii nu ergan juchuudhaani kan nu qabani.’ Jedha.

Baranammoo Waldaan Hawaasa Baqattoota Oromoo Naayiroobii eyyama wal gahanii ayyaana Irreechaa kabajuuf gaafatee ture guutumaan dhorkameera. Baqattoonni Oromoo fi Lammileen Keeniyaa ayyaana kana kabajuuf yaadaa turan utuu ‘Irreecha’ hin kabajinis hafaniiru. Poolisiin Keeniyaa eyyama kana ‘Sababa siyaasaatiif nu dhorkee’ jedhu Barreessaan Waldaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Naayiroobii. Obbo Fiqaaduun, ‘Buufata Poolisii Gigiirii, Naayiroobii dhimma kana hordoffiif yoo dhaqnee gaafannu, ajajaan buufata sanii ‘Walitti qabamuun keessan faayidaa Mootummaa Itiyoophiyaan walitti bu’a, kanaaf sin dhowwanne deebii jedhu nuuf kenne’ jedhan.

Eyyama kana kan dursaan isaaniif barreessuuf ture Buufata Poolisii Central Nairobi dha ture. Haala qoqqobbii baqattoota Oromoo as Keeniyaa jiraniirra jiru, darbees waa’e dhowwamuu kabaja Ayyaana Irreechaa Naayiroobii Ajajaa Buufata Poolisii Central ka ta’an Jooseef Koome gaafachuuf yaallus argachuu hin dandeenye.

Dabalataan dhimmi kuni kan ilaallatu Waajjira Dhimma Baqataa Keeniyaati. Waajjirichi baqattoota as Keeniyaa keessa jiran galmeessuu, darbees nageenya fi mirga isaanii kabachiisuuf itti gaafatamummaa qaba. Komee Baqattoota Oromoo kana ilaalchisees ‘yaada irratti kennuu akka hin feene’ hime.

‘Dhiibbbaa Mootummaan Itiyoophiyaa baqattoota Oromoorraan gahu kan hordofee raawwachiisu Imbaasii Itiyoophiyaa Naayiroobii jiruudha’ jedhu baqattoonni. Imbaasii Itiyoophiyaa Naayiroobiitti Itti gaafatamaa Paabliik Diiploomasii fi Sab – Qunnamtii kan ta’an Obbo Habtaamuu Baayyee himannaa kana ilaalchisee, ‘Imbaassiin Itiyoophiyaa ergama hariiroo biyyoottan lameenii cimsuu fi rakkoo lammilee Itiyoophiyaa as jiraatanii furuu irraa kan hafe dhimma jedhame keessaa harka akka hin qabne’ kan ibsan. Irra deebiidhaanis ‘Mootummaan Itiyoophiyaa humnoota poolisii Keeniyaa fayyadamee baqattoota gidirsa’ isa jedhu Obbo Habtaamuuf yoo kaafnu, ‘Keeniyaan biyya walaba

taatedha, kanaaf Imbaasiin humna hojii kanaa raawwachuu hin qabu’ jechuun deebisan.

Obbo Habatamuun akkas haa jedhaniyyuu malee bara 2015 Barruun ‘Sunday Express’ jedhamu Imbaassiin Itiyoophiyaa Keeniyaa jiru miseensota Poolisii Keeniyaa 50 ta’aniif baasii kaffaluun baqattoota lammiin Itiyoophiyaa ta’an irratti rakkoo dhaqqabsiisaa akka ture gabaasuun isaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG