Xurree ittiin seenan

Muummichi Ministeeraa Paakistaan Duraanii Malaammaltummaan Himataman

  • VOA

Muummichi ministeeraa Paakistaan duraanii Nawaz Shariif himannaa malaammaltummaa irratti dhiyaatee jira.

Manni murtii farra malaammaltummaa biyyattii maanguddoo waggaa 67 Shariifn kan himate yakka ilaalcha har’a Islaamabaad keessatti geggeessame irratti ture.

Intalli isaanii Maryam fi soddaan isaanii Mohammed Safdais himatamanii jiran. Maryam Sharif fi Mohammed Safdar mana murtii duratti dhiyaatanii balleessaa kan hin qabaanne ta’uu dubbatan.

Kan haadha warraa isaanii wal’aansa dhibee Kaanseriif geessanii London jiran abukaatoon Shariif bakka isaanii bu’uu dhaan balleessaa hin qaban jedhan.

Maryam Sharif himannaa sana aarii dhaan kan hundee hin qabaanne jechuun morman.

Shariif mana murtii ol aanaa Paakistaniin aangoo irraa kan kaafaman Aduulessa darbe ture.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG