Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Maadhee Waraanaa Afganistan Lubbuu Hedduu Galaafate


Humnootiin Talibaan maadhee waraana Afgaanistan gama kibbaa irratti haleellaa raawwataniin yoo xiqaaate loltoonni 43 du’uu isaanii ministriin ittisaa biyyattii beeksisee jira.

Haleellaa harl’a ganama maadhee Kandahaar irratti raawwateen loltoonni sagal ennaa madaa’an kanneen biroon ja’a immoo achi buuteen dhabamee jira. Ministrichi akka jedhetti loltoonni Talibaan kudhan ajjeefamaniiru.

Kan haleellaa sanaaf itti gaafatama fudhate Taliban loltoota 60 ajjeesuu isaa beeksise.

Haleellaan sun kan jalqabame haleellaa of wareegaa konkolaataa irraa dho’een ennaa ta’u, booda irra namoonni qawwee hidhatan keellaa sana weeraran.

Maadhee waraanaa Afgaanistan irratti torban kana haleellaan Talibaaniin hoogganame ennaa raawwatamu kun sadaffaa ta’uu isaa ti.

XS
SM
MD
LG