Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Walaggaa Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti Hiriirri Geggeessame


Hiriira Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Hiriira Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree, aanaa Abbaay Coommanii fi Guduruu keessatti har’a hiriirri mormii geggeessamee jira. Aanaa Gufuruu fi Abbaay Coomman keessatti nagaan geggeessamee kan xumurame ennaa ta’u fallaa kanaa Jimmaa Raaree keessatti immoo hiriirri bakka humnoota mootummaan bittinnaa’uu isaa jiraattonni nuuf ibsaniiru.

Kaleessa immoo Godina Wallaggaa Lixaa aangaa Boojjii Coqorsaa keessatti hiriirri wal fakkaatu geggeessamee nagaan xumuramuu isaa jiraattonni naannoo nuuf ibsanii jiran.

Godina Walaggaa Lixaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti Hiriirri Geggeessame
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:30 0:00

XS
SM
MD
LG