Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Lammaa Magarsaa: Uummatni  Rakkoon Isaaf Yoo Furmaata Dhabe Finciluun Waan Oolu Miti


Obbo Lammaa Magarsaa
Obbo Lammaa Magarsaa

Prezidaantiin Oromiyaa fi Dura-taa’aan Dhaabbata Dimookiraatawa Uummata Oromoo yokaan OPDO – Obbo Lammaa Magarsaa, hoogganni wanna lama hojjeta. Rakkoo adda baasee beekuu fi rakkoo hiikuu – jechuudhaan ibsa isaanii jalqaban. Garuu, kun qofaa isaa gahaa akka hin tahinillee hubachiisanii jiran. Hoogganni yaadawwan haaraa maddisiisuun gara uummataatti geessee, karaa dimookiraasummaa qabuun uummatni irratti mari’atee akka kan isaa godhatuu fi hojii irra oolchu gochuunis dhimma barbaachisaa akka tahe eeran. Kana irraa ka’uudhaan sadarkaa hoogganni EHADEG irra jiru ibsan.

“Toora kanaa ennaa ilaallu, sadarkaan hooggana keenyaa, qabiyyeen isaa walii-galaa, sadarkaa uummatni irraa eeggatuu fi tilamaamu irraa gadi tahee argamuu isaa rakkoon guddaan. Hanga itti eegamnu irraa gadi taanee argamuu keenya.” jedhan – Obbo Lammaa Magarsaa.

Kanneen rakkoo kanaaf paarticha saaxilan sababaaleen hedduu akka tahe illee dubbatan. Rakkoon tokko rakkoo dimookiraasii akka tahe eeranii, dimookiraasummaan babal’ataa guddachaa deemuu irra quucaraa deemuu isaa dubbatan.

Dhaabbaticha keessatti dimookiraasiin babal’ataa, cimaa hin deemu taanaan, namni, hoogganni, dhimmicha irratti ifatti dubbachuu hin danda’u taanaan, haalawwan sana daangessan eennaa uumaman, dimookiraasiin daraaraa, cimaa deemuu irra qancaraa deema. Kun ifatti mul’atee jira. Hoogganni Neet-woorkiin yokaan wal-quunnamtii dhuunfaatiin hojjechuun isaa, Kan ani jedhe malee, jechuudhaan of qofa beekaa godhee dhiheessuun, taayitaa isaa akka qabeenyaa dhuunfaa hin jijjiiramneetti ilaaluun, haala kanaan taayitaa irra turuutti cichuun dhukkuba-kuukkii paartii kanaa isa ijoo tahee arginee jirra,” jechuun ibsan.

Qaamota uummataa adda addaaf ilaalchi akka hin kennamiin illee hubachiisan.

“Qaamawwan hawaasaa adda addaa, humni boor biyyattii simatu – dargaggeessi, hammam dhaggeeffatama? Hamman yaadi isaa dhaga’ama? Yaada isaa dhaggeeffachuu, dhaga’uu, furmaaata itti barbaaduu gama ilaaleen rakkooleen akka jiranis hubannee jirra. Kana qofa miti. Beektota hagam hirmaachisnee jirra? Bu’aalee beektota irraa dhufan hagam argannee jirra, itti gargaaramnee jirra, hirmaachisnee jirra? Jennee ennaa ilaallu rakkoolee hedduu tu jira.” Jedhan.

“Waa’ee walitti-bu’insoota biyyattii keessatti ka’anii fi sababaa isaaniis dubbatanii jiran. “walitti-bu’insootaas of irra deebinee yoo ilaalle, kanneen walitti-bu’insootatti geessan maal maali? Uummatichi fincilaa waan ta’eef moo rakkoon waan jiruufi? jedhanii ilaaluun barbaachisaa dha. Rakkoon isaa dhaga’amee, rakkoon isaaf furmaatni hin kennamu yoo tahe, filannoon isaa dhumaa gara fincilaatti galuu dha. Wanni yeroo hundumaa ukkaamee cuqaasamu, gaaf tokko dho’uun isaa waan hafu miti,” jedhan.

Gama biraatiin immoo, quunnamtii garee uummachuun Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay keessatti uumamee rakkoo fide, OPDO dabalatee gara paartiilee ka birootti illee babal’achuu isaa hubachiisanii jiran. Gabaasaa dhaggeeffadhaa.

Obbo Lammaa Magarsaa: Uummatni  Rakkoon Isaaf Yoo Furmaata Dhabe Finciluun Waan Oolu Miti
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:11 0:00

XS
SM
MD
LG