Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeeyyii Seeraa: Hoogganoonni Ol’aanoon IHADEG Badii Itti-gaafatama Fudhataniif Taayitaa Gad-lakkisuu Qaban 


Koreen hoji raaw’achiistuu ADWUI yokaan IHADEG mariin gamaaggamaa guyyoota 17f geggeessa ture xumuruu isaa beeksisee dhuma torban dabree irra ibsa bal’aa baasee ture. Ibsawwaan kana keessa dhimmoota adda addaatu kaasame. Tarkaanfileen ni fudhatamu jedhamanis ni jiru. Har’a immoo mootummaan Itiyoophiyaa kanneen ammaan dura maqaa yakkaanis ta’e siyaasaan hidhaman gadin lakkisa jedhee labsee jira. Ibsi har’aa kun hoogganoota paartiilee miseensota ADWUI tan afuriiin ka gaazzexeessota biyya keessaaf kenname ennaa tahu, akka ibsa bahe kanaatti namoonni siyaasaa biyyattii keessa jiran kan hikaman tahuu fi Maa’ikelaawii jedhamuun ka beekamuu, manni hidhaa namoonni siyaasaa hedduun itti dararamaa turan ka cufamee gara muuziyeemiitti jijjiiramu tahuun himamee jira.

Kana ilaalchisee Finfinnee irraa abukaatoo fi ogeessa seeraa obbo Ibsaa Gammadaa, biyya Finland ka jiru, East Finland University irraa immoo barataa seeraa ka doktoorummaa ka tahan – Obbo Huseen Turaa haasofsiisnee jirra. Dhaggeedhaa.

Kutaa Duraa:

Ogeeyyii Seeraa: Hoogganoonni Ol’aanoon IHADEG Badii Itti-gaafatama Fudhataniif Taayitaa Gad-lakkisuu Qaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:25 0:00

Kutaa Lammataa:

Ogeeyyii Seeraa: Hoogganoonni Ol’aanoon IHADEG Badii Itti-gaafatama Fudhataniif Taayitaa Gad-lakkisuu Qaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:09 0:00

XS
SM
MD
LG