Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sharafi Alaa Itiyoophiyaatti Akka Hin Ergamne Waamichi Gurmuu Sadarkaa Addunyaa Tokkoon Taasisame


Qindeessitoota gurmuu uggura maallaqaa keessaa tokko obbo Faasikaa Geetaaneh namoota naannoo addunyaa jiran attamiin dhaqqabuun akka danda’ame duula sadarkaa addunyaa kana galmaan ga’uuf sabaa himaalee lammiiwwan Itiyoophiyaa dhuunfaan hoogganan jiru akkasumas caasaaleen uummataa jiru gama kanaan duula keenya geggeessina jedhan.

Duula kanas jedhan obbo Faasikaan marsaa duraa irratti baatilee sadiif geggeessina sochii kanaanis ergaan kun lammiiwwan Itiyoophiyaa biyyootii alaa keessa jiraatan mara akka dhaqqabu barbaanna jedhaniiru.

Akkuma kanaan maallaqa baankilee paartii biyya bulchuutti dhaqa jennee yaadnu keessaa harka dhibba irraa hanga 20-25 gad xiqqeessuu dha karoorri keeny6a jedhan.

Waggaa waggaatti maallaqi hagamii gara Itiyoophiyaatti akka ergamu obbo Faasikaan gaafatamanii madden adda addaa irraa ragaan argamu adda adda ta’us sirnuma biyyattii bulchu irraa illee waggaatti hanga biliyoona 4.5 kan ga’u ennaa ta’u waaltaaleen addunyaa ka biroon immoo lakkoobsa kanaa gadii kan tuqan ta’uu dubbatan. Kunis kan lammiiwwan Itiyoopiyaa maatiiwwan isaaniif ergan hanga biliyoona 4 ga’a jennee tilmaamna jedhan.

Sharafi Alaa Itiyoophiyaatti Akka Hin Ergamne Waamichi Gurmuu Sadarkaa Addunyaa Tokkoon Taasisame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:53 0:00

XS
SM
MD
LG