Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godina Horroo Guduruu Keessaa Namoota Hidhuu fi Hiraarsuun Itti fufe: Jiraattota


Mormii Oromiyaa keessaa (Suuraa Faayilii)

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Horroo fi magaalaa Shaambuu keessatti namoonni hidhaatti guuramaa kaanis reebamaa jiraachuu, manneen barnootaa illee ijoolleen shororkaa’uu dhaan kan ka’e cufamanii jiraachuu jiraataan magaalaa shaambuu nuuf ibsanii jiran.

Sukkaarri seeraan ala magaalattii keesssaa ba’aa ture uummataan dhaabsisamuu isaatiin humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhataniin lubbuun namaa baduu jiraattonni nuuf ibsuun isaanii ni yaadatama.

Itti gaafatamaan poolisii magaalaa Shaambuu Inspekter Shibbiruu Namee namoonni hidhaatti guuraman kun sukkaara seeraan alaa utuu hin taane naannolee Oromiyaa Ka birootti ergamaa kan ture dura waan dhaabataniif to’ataman jedhu.

Balleessaan isaanii adda baafamee kan gad dhiisaman ennaa ta’uu kanneen badii dalagan garuu fuula murtiitti dhiyaatu jedhaniitu.

Godina Horroo Guduruu Keessaa Namoota Hidhuu fi Hiraarsuun Itti fufe: Jiraattota
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:53 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG