Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Hidhamee Ni Hikamaa Maakalaawwiinn Ni Diigamaa.Hikii Isaa Maali?


Hoggantoota
Hoggantoota

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Haayla Maariyaam Dassaaleeny Roobii darbee Amajjii 3 bara 2018 itti gaafatamtoota jaarmayoota arfan paartii biyya bulchaa jiru ADWUI keessa jiran waliin wa’ee namoota hidhaman gadhiisuu fi mana hidhaa beekamaa Finfinnee keessa jiru Maakalaawiin gara Muziyamiitti akka Jijjiramuu ibsanii turan.

Kana ilaalchisee sabaa himaa hawaasaa irratti keessumaa Feesbukiin waajiira mummicha ministeeraa biraa barreefamnii dhimmi kana irratti maxxanfamaa turan jijjiramaa turan.Inni jalqaba ba’e fi inni sana hordofee ba’aa turan adda addummaa hikaa waan qabuuf jecha hubannoo argachuuf rakkoo uumee jira.

Jechoota ibsa sana keessatti dubbatamaa turan kan akka hidhamtoota siyaasaa, hogganoota siyaasaa hidhaa keessa jiranii fi kanneen biroo irratti hiika gama seeraa jiru irratti ibsa akka nu kennaniif Yunivarsitii Melbarn kan Awustraaliyaa keessatti hayyuu seeraa kan ta’an Dr. Xagaayee Araarsaa haasoofsiifnee jirra.Caqasaa.

Kan Hidhamee Ni Hikamaa Maakalaawwiinn Ni Diigamaa.Hikii Isaa Maali?
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:45 0:00

XS
SM
MD
LG