Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministriin Dantaa Alaa Sadarkaa akeekkachiisa Imalaa Baasuun Lammiiwwan Isaa Akeekkachiise


Minsitriin dantaa alaa Ameerikaa imala kan ilaaleen ija nageenyaa fi daawwannaan ilaalee biyyoota addunyaa irra jiran sadarkaa afuritti qoodee jira.

Ministriin dantaa alaa Ameerikaa labsiin baase akka jedhutti akkaataan hojii haaraan kun nageenya lammiiwwan Ameerikaa caalaatti eeguu irratti kan akeekkate dha.

Kanaaf lammiiwwan Ameerikaa gara biyya alaatti imaluu isaanii dura nageenyaa fi dhimmootii biroo, ramaddii ba’u kana keessa ilaaluu danda’u.

Akkuma kanaan sadarkaa tokkoffaan of eeggannoo baratame kan godhamuu qaru,

Sadarkaa lammaffaan caalaatti of eeggannoo gochuu,

Sadarkaa sadaffaan of eeggannoo ol aanaa fi sadarkaa nageenya guddaa ka qaban imala saganteeffatan keessa deebi’anii ilaaluu ka barbaachisu,

Sadarkaa 4ffaan gonkumaa itti imaluun kan hin danda’amnee fi lubbuuf yaaddessaa kanneen ta’an jedhameera.

Ramaddii biyyoota kanaas har’aa jalqabee ifa kan godhu ta’uu Finfinnee keessa kan jiru Embaasiin United States beeksisee jira.

XS
SM
MD
LG