Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamma Hojjannee Jijjirama Argamsiifne Qofa Jiraanna.Uummanni yeroo Hundumaa Nu Baachuu Hin danda’uu: Prezidaant Lammaa Magarsaa


Obbo Lammaa Magarsaa
Obbo Lammaa Magarsaa

Gaaffii fi deebiin itti gaafatamtoota jaarmayoota arfan ADWUI keessaa gaazexxesoota waliin gaggeessan kutaa lammaffaa fi sadaffaan Mata dureelee waa’ee murtii haqaa fi haala mana hidhaa keessaa akkasumas malaamaltummaan ilkee gad fageeffate jiraachuu ibsee jira.

Kutaa 1ffaa qophii kanaa Jimaatadarbe dhiheessun keenya ni yaadatama.

Obbo Lammaa Magarsaa: Uummatni Rakkoon Isaaf Yoo Furmaata Dhabe Finciluun Waan Oolu Miti

Walitti bu’iinsa daangaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa fi kan bulchiinsa naannoo somaalee hammaachuu isaaf sababaan hogganni biyyatti yeroon tarkaanfii fudhachuu dhabuu isaa akka ta’e kana malees gareeleeen bu’a dhunfaa isaaniif jecha uummata walitti buusan akka jiran dubbatamee jira.

Kunis hanga tokko waliin hidhata akka qabu gama kaaniin immoo daldallii Kontrobaandii dinagdee biyyatti irratti danqaa waan ta’eef tarkaanfiin fudhatamuu akka qabu walii galle jedhu.

Uummata irratti humnaan gargaaramuu mannaa quqqaa isaa ifatti akka dubbatu akkasumas carraa dhaga’amuu akka argatu gochuu baannaan uummanni umrii isaa guutuu nu hin baatu jechuun Obbo Lammaa Magarsaa hubachisanii jirru. Jiraachuu ka dandeebyu hanga jijjira argamsisuu dandeenye qofaatti ta’u ni beekna jedha.

Gamaagama kana yeroo seennuu akka nama itti gaafatamnii irra jiru tokkotti malee qosaaf akka hin turre kunis biyyattiin rakkoo keessa seentee waan jirtuuf carraan jiru biyya oolchuu ykn baduu ture jedhu.Gabaasa guutuu caqasaa.

Hamma Hojjannee Jijjirama Argamsiifne Qofa Jiraanna.Uummanni yeroo Hundumaa Nu Baachuu Hin danda’uu: Prezidaant Lammaa Magarsaa. Kutaa Lammaffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:24 0:00

XS
SM
MD
LG