Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Biyya Bulchu Eenuyuun Akka Ta’e Wallaalle: Jiraattota Horroo Guduruu Wallaggaa


Godina Horro Guduruu aanaalee garaa garaa keessatti humnoonni kora bittinneessaa bobba’uun sababaa tokko malee dargaggoota dabalatee namoota mana hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonnii fi maatiin hidhamtootaa nuuf ibsaniiru. Mootummaan namoonni hidhaa jiran ha gadhiisamu jedha, godinaan keenya immoo nama hidhaatti guura. Eenuy akka nu bulchu wallaalle jedhu jiraattonni.

Bakka bu’aa KFO kan godhina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Dagbaas Waaqoyyaa haala gamas jiru ennaa ibsan mootummaan ibsi inni baasu sadarkaa godinaa fi aanaatti ennaa gad bu’u hojiitti hin hiikamu jedhanii nama biyya bulchu wallaalleerra jedhan.

Godinuma Horo Gduru Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii keessaa ilmi isaanii Dhuguma Mikaa’el jedhamu kan duraa hidhame obbo Mikaa’eel dhaabaa ilmi isaanii sababaa tokko malee halkan manaa fudhatamuu isaa ibsanii mootummaan hidhamtoonni haa hiikaman jedha nu biraa garuu nama mana hidhaatti guru jedhaniiru.

Kan Biyya Bulchu Eenuyuun Akka Ta’e Wallaalle: Jiraattota Horroo Guduruu Wallaggaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:34 0:00

XS
SM
MD
LG