Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Eertraa Masrii Daawwataa Jiran


Prezidaantiin Ertraa Isaayyaas Afewerki daawwannaa guyyoota lamaaf kaleessa erga Masrii seenanii prezidaant El-Sisi waliin wal arganii booda angawoota biyyattii waliin mari’achuu itti fufanii jiru.


Isaayyaasii fi El-sisiin guddina michummaa daldalaa fi investmentii biyyoota lamaan gidduu guddataa adeeme akkasumas dhimmootii naannoo fi kan sadarkaa addunyaa irratti mari’ataniiru. Itti dabaluu dhaanis misooma naannoo irratti kan mari’atan ta’uu sabaa himaan Ertraa beeksisee jira.

Prezidaantiin Masrii fi giti isaanii kan Ertraa Wiixata darbe Cairo keessatti kan wal argan muddama Sudaanii fi falmii daangaa Itiyoophiyaa waliin jiru irratti mari’achuu akkasumas ijaarsa ittisa laga Abbayyaa ta’uu Washington post gabaasee jira.

Prezidaant Abdel Fattah El-Sisin walii galtee sadarkaa ol aanaa Ertra giduu illee galateeffataniiru. Giti isaanii kan Ertraas gama isaaniin qooda Masriin naannoo sana keessatti qabdu fi fedhi iseen guddina afriikaa ilaalchisuun agarsiiste jedhan faarsanii jiran.

XS
SM
MD
LG