Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hojii Naga Eegumsaa Waaltaa Ajajaa Tokko Jala Galchina: Ministeera Itiisaa Itiyoophiyaa


Oromiyaa fi naannoo bulchiinsa Somaalee dabalatee walitti bu’iinsa biyyattii keessatti mul’ataa jiru furuuf hojiiwwan naga eegumsaa sadarkaa federaalaa fi naannoo jiran waaltaa ajajaa tokko jalatti akka bulan ajaji darbuu isaa ministiriiin ittisaa Siraaj Fageessaa beeksisaniiru.

Itti gaafatamaa waajjira nageenya biyyoolessaa kan ta’an ministrichi torban kana akka beeksisanitti daandileen gurguddoon balaaf saaxilaman to’annaa humnootii naga eegumsaa Federaalaa fi naannoo jala akka seenan taasisameera.

Siraaj Fageessaa dhimma naannolee walitti bu’iinsi keessatti mul’atu kutaalee biyyattii keessaa kan dubbatan sabaa himaalee biyya keessaaf ibsa kennaniin ture. Walitti bu’iinsawwan uumamaa jiran mirga sochii lammiiwwanii ugguranii turuu ministrichi ibsaniiru. Kanaafis hojiin nagaa fi nageenyaa sadarkaa federaalaaf naannoo jiran waaltaa ajajaa tokko jala kan galfaan.

Hojii Naga Eegumsaa Waaltaa Ajajaa Tokko Jala Galchina: Ministeera Itiisaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:09 0:00

XS
SM
MD
LG