Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Magaalaa Bishooftuu Keessatti Uumame Kan Gosa Gidduu Miti: Bulchiisa Magaalaa


Bishoftu
Bishoftu

Magaalaa Bishooftuu keessatti walitti bu’iinsa uumame irraan kan ka’e dargaggoonni kuma lamaa ol ta’an mooraa humna qilleensaa keessa buufatanii jiraachuun beekamee jira.

Dargaggoonni kunis mootummaan bakka dhaloota isaaniitti akka isaan deebisu gaafatan. Bulchiinsi magaalaa immoo gaaffii isaanii hin simanne. Dargaggoonni dhalata Walaayitaa ta’an kun nyaata ga’aa waan hin arganneef beela’uu isaanii madden hangi tokko dubbataniiru. Bulchaan magaalattii garuu ni haalan.

Kibxata darbee qabee ittiin ka’umsi isaa sababaa hin beekamneenii dargaggoonni kun mooraa sana keessa dahatanii kan jiran.

Walitti bu’iinsa namoota lama gidduutti uumame irraan ka’ee gara walitti bu’iinsa garee fi gosaatti kan jijjiirame hookkarri kun yeroo ammaa tasgabbaa’us sababaan isaa hanga yoonaa kan hin beekamneef miidhaan dhaqqabe illee addaan kan hin baafamne ta’uu kantiibaan magaalaa Bishooftuu aadde Gennet Abdallaa kaleessa VOAf ibsaniiru. Dargaggoonni kun attamiin mooraa sana keessatti akka wal ga’an illee waanti beekame hin jiru jedhan aadde Gennet.

Akka jedhame gamas kan seenan dirqii dhaan miti. nuti hin beeknu. Haa dirqisiisamanii, namni waame haa jiraatuu qulqulleeffamaa ka jiru ta’uu isaa fi hawaasi naannoo namoonni kun akka hin beelofne dabaree nyaata geessaafii jira malee hin beelofne jedhan.

Namoonni kun lammii keenya waan ta’aniif illee deggeruuf itti gaafatamatu nu irra jira kan jedhan aadde Gennet walitti bu’iinsa gosaa fakkeessuu kanneen jiran akka jiran illee shakkii qabaachuu isan.

Walaayittaa irraa kanneen ta’an lammiiwwan kun qe’ee keenyatti nu deebisaa jedhanii gaafataa jiraachuu isaaniif bulchiinsi magaalaa Bishooftuu immoo akka mirgi heeraa eeyamuufitti eessa iyyuu dhaqanii jiraachuu dana’u jedhan.

Rakkoon Magaalaa Bishooftuu Keessatti Uumame Kan Gosa Gidduu Miti: Bulchiisa Magaalaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:48 0:00

XS
SM
MD
LG