Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Labsii Yeroo Muddamaa Itiyoophiyaa Irratti Ejjennoon Keeny Sirrii Dha, Jedhan Ambaasaddarri Yunaayitid Isteets


Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets, Maayikil Reener, waa’ee labsii yeroo muddamaa Itiytoophiyaan labsitee irratti ejjennoon Yunaayitid Isteets qabdu sirrii fi ka tahuu qabu tahuu dubbatan.

Daawwannaa ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Reks Tilersen gidduu kana Itiyoophiyaatti geggeessan ilaalchisuun, Ambaasaaddar Raayinarii fi Gamtaa Afrikaatti Ambaasaddarittiin Yunaayitid Isteets – Meerii Liyoonaard ibsa gamtaan kennan irratti kana dubbatan.

“Ejjennoon keenya sirrii fi haqa-qabeessa tahuun waan nutti dhaga’amuuf dubbanne. Ministarichi dhimma-alaas kaleessa i irra deebi’ee dubbate jira. Yaaddoo nageenyaa qabaachuu fi nageenya uummata isaa mirkaneessuu fedhuu isaa ka mootummaan duubbate ni hubanna. Garuu, yeroo kana godhu karaa mirga uummataa fi dirree siyaasaa kabajeen akka tahuu qabu baay’ee abdanna” jedhan – Ambaasadder Maayikil Reener.

Labsiin yeroo muddamaa Itiyoophiyaan baaste ka duraanii fi kan ammaa gidduu adda addummaan akka jirullee dubbanis, ara dirree siyaasaa bal’isuutti ennaa deemama jiru, akka hiriira nagaa uummataa geggeessuu ehamuu, hidhamtoota gara kuma kudhanii hiikuu, muummichi-ministaraa karaa nagaa fi fedha ofiitiin taayitaa gad-lakkisuuf murteeffachuun ennaa deemaa jirutti labsii yeroo muddamaa kana labsuu ennaa ilaallu, kan rakkoo fiduu fi hala jiru qixxa nama hin gargaarreetti geessu tahuu hubanne ” jechuunis dubbatan.

Gamtaa Afrikaatti, Ambaasaddarattiin Yunaayitid Isteets – Meerii Liyoonaardis gama isaaniitiin, kaayyoo biyyi isaanii Gamticha Afrikaa waliin qooddattu ennaa dubbatan, “Yunaayitid Isteets nageenyaa fi misoomni dinagdee ishee, akka kan Afrikaatti baay’ee hidhatee jiruutti ilaalti” jedhan. Dhaggeeffadhaa

Waa’ee Labsii Yeroo Muddamaa Itiyoophiyaa Irratti Ejjennoon Keeny Sirrii Dha, Jedhan Ambaasaddarri Yunaayitid Isteets
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:07 0:00

XS
SM
MD
LG