Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni ABO Aanaa Gidaamii Keessatti Konkolaatota Raayyaa Ittisaa Lama Mancaasanii Loltoota Keessa Turan Fixan, Jedhu Jiraattonni. Aaangawoonnis Mirkaneessanii Jiru


Faayilii - Loltoota Adda Bilisummaa Oromoo mooraa leenjii Mooyalee keessatti, bara 2009
Faayilii - Loltoota Adda Bilisummaa Oromoo mooraa leenjii Mooyalee keessatti, bara 2009

Godinaa Qellem Wallaggaa, aanaa Gidaamii, naannoo Laaloo Garee jedhamutti, Roobii dabre, gaafa Bitootessa 14, bara 2018 galgala raayyaa ittisaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti haleellaa hidhattoonni Adda Bilisummaa Oromoo bananiin, konkolaatonni lama miidhamuu fi jeneraalota waraanaa dabalee, loltoonni keessa turan dhumuu isaanii jiraattonni aanichaa dubbatanii jiran.

Akka jiraattonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanitti, jeneraalota waraanaa lama fi qondaala tika nagaa tokko dabalee – loltoota 18 tu konkolaatota sana keessa ture. Konkolaatota lameen keessaa tokko battaluma ka gubate yoo tahu kaan immoo hallayyaa seenee caccabe. Loltoonni keessa turan martinuu ni dhuman. Aangawoonni mootummaa, hidhattootaan haleellaan konkolaatota raayyaa ittisaa motummaa lama irratti geggeessamuu fi konkolaatota lameen miidhuu isaa mirkaneessanii jiran.

Aangawoota mootummaa, magaalaa Dambi Dolloo jiran keessaa, nageenya isaaniif yaaddoo qaban irraa kan ka’e akka maqaan isaanii hin himamne nu gaafatan tokko akka jedhanitti, loltooonni Waraana Bilisummaa Oromoo halellaa sana geggeessuunii fi konkolaatonni lameen manca’uun, akkasumas, loltoonni du’uun mirkana. Sabaabaa kanaan raayyaan ittisaa, namoota nannoo kudhan ta’an qabee gara Dambi-doollootti geessee jira, loltoota hedduus gara Gidaamii fi naannawa ishee, akka Garjeedhaafaatti bobbaasee uummata dararaa jira – jedhu – aangawaan kun. Bulchaa aanaa Gidaamii – Obbo Gammadaa Milkiyaasittis, konkolaatonni raayyaa ittisaa lama hidhattootaan haleelamuu fi miidhamuu dubbatanii jiran.

Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

Hidhattoonni ABO Aanaa Gidaamii Keessatti Konkolaatota Raayyaa Ittisaa Lama Mancaasanii Loltoota Keessa Turan Fixan, Jedhu Jiraattonni. Aaangawoonnis Mirkaneessanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:35 0:00

XS
SM
MD
LG