Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraan weerara Itti Fuftii Taanaan Addunyaan Qophaatti Ishee Hambisuu Qaba: Prezidaant Traamp


Hogganoonni Iraan jeeqamsa ajjechaa fi badii dalaguu jechuun kan himatan prezidaant Traamp yoo hojii kana hin dhaaban ta’e hogganoonni addunyaa Iraaniin qophaatti hambisaa jechuun gaafatan.

Bulchiinsii abbaa irree ka Iraan maallaqa argateen misaa’eela Nukleera baatu hojjachuuf, biyya ofii keessatti cunqursaa hammeessuuf, jeeqamsaa fi ajjechaa immoo Siriyaa fi Yaman keessatti gaggeessuuf itti gargaaraman.

Kanaaf Yunaaytid Isteetes ugguura irra ka’uun maallaqa kanaaf olchiitu irraa dhaabdee ajandaa dhiiga dhangalaasisuu qaban hambishuu yaalte jedhan Traamp.

Bara darbee prezidaant Traamp marii Tokkummaa mootummootaa irratti haasawaa dhagesisaniin Koriyaa Kaabaa guutuummaatti dhabamsisuuf akka jiran dorsiisaa turan.Kanaaf barana waa’ee Koriyaa kaabaa maal jedhu laata jechuun hedduun eegaa turan.

Barana moo Traamp Iraan irratti qiyyaafatan. Miseensonni Bulchiinsa Traamp gama isaaniin gumii kana dura waa’ee Iraan dubbataa turan.

XS
SM
MD
LG