Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Beneshaangul Gumuuz Keessaa Dheessine Eega Baanee Torban 3 Guunne:Jiraattoota


Waggaa haaraan kan Itiyoophiyaa Fulbaana 1 bara 2011 eega seenee guyyaa lama booda bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz keessaa

Ka jiran manneen Oromootaa gubanii sadii ajjefnaan dheessinee godina wallaggaa dhiyaa aanaa Qilxuu Kaarraa mana barumsaa Agamsa Ballaa keessa qubannee jirra jedhu namoonni baqatan.

Walitti bu’iinsa kana booda ture aangawoonni bulchiinsa naannoo gama lameenii walgahanii gaggeessanii gara qe’e ofitti deebi’aa ituu jiranii aangawoonni bulchiinsa 6 ajjefaman oduu jedhu dhaga’ame jedhu.Garu itti gaafatamaan biroo dhimmotii komunekeeshinii bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz Obbo Zalaalam Jaallataa akka jedhanti hogganoonni keenya kanneen walgahiif deemanii turan yeroo deebi’an karaatti hidhattotaan waan ajjefamaniif jecha rakkoon kun jalqabe.

Namoonni jalqaba dheessan kun kuma 4 ol ta’u isaanii itti gaafatamaan biroo dhimmootii komumikeeshinii aanaa Qilxuu Kaarraa Obbo Naggasaa Ragga’aa ibsanii jiru.

Dubbii himaan komishiina ittisa balaa fi qophaa’inaa obbo Dabbaba Zawdee Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti uummanni Oromoota 91,348 bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz keessaa dheessanii godiina wallaggaa bahaa fi lixaa aanaalee 10 keessa kan qubatan ta’u Mootmmaan naannoo Oromiyaa nu gabaasee jira jedhan.

Gabaasa guutuu Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:48 0:00

XS
SM
MD
LG