Sababa walitti-bu’insa Benishaangul Gumuz keessaatiin namoonni manaa fi qee ofii irraa buqqa’an kuma 91 ol tahuu isaa, Koomishinni Hooggansa Sosaa Balaa ka biyyoolessaa beeksisee jira. Namoonni qehee ofii irraa buqqa’anis tahe kanneen achuma Benishaangul magaalaa kamashii keessatti danqamanii jiran, gargaarsa gahaa dhabuu isaanii dubbatu.
Waggoota 20 oliif godina Benishangul Gumuz aanaa kamashii keessa jiraataa kan turan qonnaa bulaan tokko yeroo ammaa qe’ee keenya irraa buqqaafamnee Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu keessa qubannee jirra jedhu. Haalli amma keessa jiran gaarii akka hin ta’in dubbatu.
Jiraataa dhuma kamashii yeroo ammaa achuma jiranii fi gara biraatti socho’uuf daandiin cufaa waan ta’eef soda keessa jirra jedhu
Jiraattuu aanaa Kamishii tokkos magaalattii keessaa karaa itti baanu dhabnee achitti danqamne jirra, haalli kamashii keessaa hedduu yaaddessaa dha, gara maatii keenyaatti akka hin baqanneef manaa iyyuu gad ba’uu hin dandeenyu jechuun haala magaalattii mul’atu nuuf ibsiteetti.