Xurree ittiin seenan

Breaking News

Giifti Dureen Ameerikaa Afriikaa Daawwataa Jiran


Melaaniyaa Traamp giifti duree Malawii waliin utuu wal hin argin dura ijoollee akkasumas mana barnootaa daawwachuu dhaan diplomaatota Ameerikaa waliin mari’atanii jiran. Deggersa isin nuu kennitan mara nan dinqifadha. Galatoomaa. Waaqayyo isin haa eebbisu.

Waa’ee daawwannaa giifti duraa Ameerikaa jiraattonni Lilongwee hedduun hin beekan. Garuu kanneen beekan yaada gama isaanii kennanii jiru. Hoogganoota Afriikaa irraa dhageettii argachuuf yaalaa jiru jedhu. Kelement Chinokoo jiraattota keessaa tokko yoo utuu waan abbaan warraa isaanii itti amanan cina hiriiran ta’e, imala kana ni geggeessu jedhee hin yaadu. Nuti addunyaa gudddatanis haa ta’u guddataa jiran keessaa uummanni jiru hamma isaan deggersa Ameerikaa barbaadanitti qaama isaanii ta’uu qabna ergaa jedhu abbaa warraa isaaniif kan dabarsan fakkaata. Gama kanaan itti gammadeera jedhan.

Gifti dureen Ameerikaa Melania Traamp Malaawwiitti aansuu dhaan Naayroobii fi Kaayiroo erga daawwatanii booda daawwnnaa isaanii Afriikaa xumuranii Waashingiten Diisiitti deebi’uuf jiru.

XS
SM
MD
LG