Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beellama Mana Murtii Prezidaantii Bulchiisa Naanno Somaalee Duraanii


Abdii Illee

Prezidaantii bulchiinsa naanno Somaalee duraanii – Obbo Abdii Mohammed Umur dabalee – shakkaamtoonni afur, har’a mana-murtii federaalaa, ramaddii Lidetaa, dhaddacha 19ffaatti ka dhihaatan yoo tahu, wabiin gad-lakkisamuuf iyyannaan dhiheeffatan fudhatama dhabuu isaa – gabaasaan keenya Melleskaachew Ammahaa, Finfinnee irraa gabaasee jira.

Ka shakkamatoota sana irratti qorannaa geggeessaa ture qondaalli poolisii, dhaddacha duratti ibsa kenneen, guyyoota kudhan dabran keessatti ragaa-baatota sagal irraa dhuga-bahinsa fudhachuu isaa beeksisee, Adoolessa 16 irraa jalqabee haga 30tti, hookkara bulchiisa naannoo sana keessatti uumameen, namoota miidhaan qaama irra gahe, akaakuu miidhaa sanaa fi sadarkaa hammeenya isaa ragaa agarsiisu hospitaala irraa argachuuf kan eeggataa jiru tahuu dubbatee jira.

Kana malees, kanneen shakkamtoota harkaa qabaman mobaayiliwwan yokaan bilbiloota harkaa, Siima kaardotaa fi kompiyuutaroota Laap-tooppii ogeessotaan ka qorachiisaa jiru tahuu isaa fi ammallee shakkamtoota yakka kana keessaa qooda qaban ka biroo qabsiisuun kan isa hafu tahuu, kana malees namoota jumlaadhaan ajjeesaman reeffa isaanii qorachiisuun kan hin xumuramiin tahuu fi akkasumas gochaa yakkaa sana waliin meehsaalee hidhata qaban qorachuun kan hin dhumiin tahuu ibsee, yeroo dabalataa torban lama akka kennamuuf gaafatee jira. Yeroo gaafatamee mirkaneesseefii jira jedha Melleskaachew Ammahaa.

XS
SM
MD
LG