Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aaddee Xayibaa Haasan Uummata Jireenya Irraa Buqqa’anii Magaalaa Naqamtee Keessa Buufatan Daw’atan


Itti aantuun prezidaantiin mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa Aaddee Xayibaa Haasan har’a uummata bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz keessaa dheessuun magalaalaa Naqamtee fi nannoo ishee keessa buufatan daw’atanii jiru.

Bulchaan magaalaa Naqamtee Obbo Boggaale Shumaa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti torban lama dura bulchiinsa naannoo Beneshaangul Gumuz fi naannolee Oromiyaa kanneen wal daangeessan irraa sodaa nageenyaaf jecha dheessanii magaalaa Naqamtee keessa kanneen qubatan kuma kudha lama caalaa turan.

Yeroo ammaa garu nageenyii naannoo daangaa kan Oromiyaa keessaa haala gaarii irra waan jiruuf walakkaa kanneen ta’an deebi’uu isaanii ibsamee jira.

Kanneen yeroo ammaa Naqamtee keessatti hafan warra bulchiinsa nannoo Beneshangul Gumuz keessaa dheessani ta’u fi isaan kunis yeroo nageenyii waaraa argamu kan deebi’uuf jiru ta’u kantibaan magaalaa Naqamtee ibsanii jiru.

Uummata dheessanii magaalaa Naqamtee keessa buufatan kana keessaa dubartoonni 18 da’u isaanii akkasumas kanneen biroon garaatti baatan ( Ulfii) akka jiran ibsame jira.

Aaddee Xayibaa Haasan dubartoota da’anii fi kanneen biroo akkasumas ijoollee daw’achuun hasoofsisanii jiran. Dhuma irrattis maanguddoota magaalaa Naqamtee fi qaamoota hawaasaa kanneen biroo waliin walgahii gaggeessuun isaanii ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Aaddee Xayibaa Haasan Uummata Jireenya Irraa Buqqa’anii Magaalaa Naqamtee Keessa Buufatan Daw’atan
please wait

No media source currently available

0:00 0:10:16 0:00

XS
SM
MD
LG