Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’een Hidhannoo Hikkachuu Ajandaa Mariif Dhiyaate Hin Turre: Obbo Kaasaahun Gofee fi Obbo Daawud Ibsaa


Mootummaan Itiyoophiyaa waltajjii siyaasaa bal’isuuf jecha waamicha jalqaba dhiyeesseen paartileen siyaasaa qabsoo hidhannoo gaggeessaa turan dabalatee kanneen biroonis biyyatti deebi’anii jiran. Jaarmayoota qabsoo hidhannoo geggeessaa turan keessaa tokko Adda Bilisummaa Oromoo kan ilaaleen minister de’etaan waajiira dhimmotii komunikeeshinii mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Obbo Kaasaahun Gofee sabaa himaa mootummaa irratti har’a ibsa kennanii jiru.

Waamicha mootummaan jalqaba dhiyeesse warra karaa nagaan biyyatti deebi’ee sosso’uu barbaadan waan jedhuuf “hidhannoo hikkachuu” jedhu marii Asmaraa keessatti ABO fi mootummaan Itiyoophiyaa gaggeessan keessatti gonkumaa akka ajandaatti hin kaane jedhan.

Gama kaaniin hayyuu dureen Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaa waa’een hidhannoo hikkachuu marii gaggeeffame keessa hin turre jedhan. Sababiin isaa waraanni ABO akkuma waraana mootummaa Itiyoophiyaa nageenya biyyattii eegsisuu keessatti haala itti hirmaatu irratti waan dubbataa turreef hidhannoo hikkachuun kan yaadamuu hin turre jedhan.

Waraanni ABO Ertraa irraa gama Zaalaambasaan Itiyophiyaa seene suun duraanis hidhannoo kan hin qabne malee akka amma dubbatamaa jiru hidhannoo kan hikkate miti kan jedhan Obbo Daauud. Isaan kana nutu mootummaa Itiyoophiyaatti kenne harka mootummaa jiru jedhan.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahmad miseensoota raayyaa murna waraanaa adda addaa irraa walitti dhufan waliin marii gaggeessan kan ilaaleen tuuta oduuf ibsa kennan dhumatti waa’ee hidhattoota ABO gaafatamanii turan. Isaanis deebii kennaniin ABOn hidhannoo hin hikkadhu jedha jedhee hin yaadu maraafuu isaanii fi kanneen biroo wajjiin dubbachuuf jirra jedhan.

Waa’een Hidhannoo Hikkachuu Ajandaa Mariif Dhiyaate Hin Turre: Obbo Kaasaahun Gofee fi Obbo Daawud Ibsaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:03 0:00

XS
SM
MD
LG