Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namnii 200 Ajjefamanii Bolla Tokkotti Awwaalaman Kan Jedhu Qoratamaa Jira: Polisii Federaalaa


Dhittaa mirga namoomaan himatamanii to’annaa jala kan jiran Prezidaantii bulchiinsa naannoo Somaalee duraanii Obbo Abdii Mohammed Umar dabalatee namoota afur irratti polisiin qorannaa gaggeessaa jiruun namoonni 200 ajjefamanii bolla tokkotti awwaalamanii jiru gabaasa jedhu qorachuuf akkasumas ragaa namootaa walittiqabachuuf yeroon dabalataa guyyaan 14 akka kennamuuf gaafatee jira.

Namoota 200 ajjefaman bakka tokkotti awwaalaman jechuun kan polisiin mana murtiitti dhiyeesse kan ilaaleen kutaa qorannaa yakkaa kan polisii federaalaaf itti aanaa komishinaraa kan ta’an Obbo Takollaa Ayfokruu raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibsanti gareen qorannaaf gamasitti bobba’ee uummata biraa odeeffannoo kana argachuu isaa dubbatan.

Garu odeeffannoon kun dhugaa fi soba ta’u isaa baruuf hojiin qorannaa gaggeeffamu yeroo fudhata jedhanii namoonni naannoo akka ibsanti kanneen ajjeefamanii iddoo tokkotti awwaalaman kun dhalattoota bulchiinsa naannoo Somaalee kanneen miseensa Adda Bilisummaa Biyooleessa Ogaadeen ta’u dubbatu jedhan.

Abukaatoon hidhamtootaa garu hojii qorannaa kan polisiin gaggeessu wal fakkaataa, sababii polisiin kennuus sirri akka hin taanee fi shakkamtoonni ariitiin murtii haqaa akka hin argachuuf mirga qaban kan sarbu jedhan.

Gabaasa Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:33 0:00

XS
SM
MD
LG