Xurree ittiin seenan

Breaking News

Beenishaangul Irraa Oromiyaatti Ce’anii Nu Haleelu Jedhu Qonnaan Bultoonni Wallaggaa Bahaa


Godina Wallaggaa bahaa aanaa Haroo Limmuu keessaa qonnaan bultoonni jiraatan kan kanaan dura zoonii Beenishangul Gumuz keessaa buqqaafamne malee yeroo ammaa Oromiyaa bakka zoonii sana waliin wal daangessutti ce’uu dhaan warri Beenishangul fixoonsa nu irratti raawwataa jiru jechuun himataa jiran. Kanneen qe’ee ofii gad dhiisanii baqatan keessaa jiraatonni dubbifne deggersi nuu kennamus ga’aa miti, qaama haleellaa kana nu irraa dhaabus dhabne jechuun iyyatu. Bulchiinsi aanaas rakkoo fi ajjeechaa uumame jedhame kana mirkaneessee jira.

Akka qonnaan bultoonni kun himatanitti haleellaan nu irra ga’aa kan jiru naannoo Beenishangul keessa qofaatti utuu hin taane gara Oromiyaattis ce’anii namoota nu irraa ajjeesaa qabeenyaa keenya mancaasaa jiru jedhu. Haleellaa kan nu irratti raawwatan namoota gosoota Beenishaanul jedhu. Mootummaanis hanga ammaa dhaabsisuuf irrati hojjetamaa jira jechuu irra darbee nu oolchuuf nu hin dhaqqabne jedhu qonnaan bultoonni aanaa Haroo Limmuu Keessa qubatanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:52 0:00

XS
SM
MD
LG