Sadaasa 24 fi 25 bara 2018 jechuun Sambataa fi Dilbata darbe kana magaalaa Finfinnee keessa ka jiru galma komiishina dinagdee Afriikaa keessatti konfrensiin mata dureen isaa “Conferense on Political Reform in Ethiopia” Ykn “konfransii wayyoomina polotiikaa Itiyoophiyaa” jedhamuu geggeeffamee jira.
Konfransicha haasawaana kan banan muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Dr. Abiy Ahmed biyyattiin yeroo ammaa daandii wal qaxxaamuraa irra akka jirtu hubachiisan.Kanaaf inni tokko isa kaan irraa baree Adda addumaa yaadaa jiru mari’atanii gara bilchinaatti guddisuuf konfransiin akkasii jalqabbii gaarii akka ta’e nan amana jedhan Dr Abiyyi.
Konfransii kana qindeessuu fi karoorsuu keessatti qooda ol aanaa kan qaban dura taa’aa Adda Dimokraatawaa Oromoo ODF)obbo Leencoo Lataa haasoofsiifnee jirra. caqasaa