Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Nageenyaa Mooyyaleetti Taasifameen Boodas Mooyyaleen Nageenya Hin Arganne’ – Jiraattota


Mariin nageenyaan torbeedhaan dura haala nageenya Mooyyaleerratti gaggeeffamus ammas magaalattii fi naannawaa isheetti nagaan hin bu’in jiraachuu jiraattonni VOA’f himan.

Hidhattoonni fi namootni eenyummaan isaanii hin beekamne ka naannoo shanii dhufan jedhaman gandoota Aana Mooyyalee keessatti lubbuu namaa akkasumas qabeenya irraan balaa qaqqabsiisaa jiru. Bulchaan Magaalaa Mooyyalee Obbo Fuuggicha Dheengee ammas haalli nageenyaa magalattii yaaddessaa akka ta’e himanii, bulchiinsi magaalaa fi Godinaa furmaati ha barbaadamuuf jecha mootummaa naannootiif gabaasuu himanii jirani.

Waajjira Bulchiinsa fi nageenyaa Oromiyaatti Daayrekterri Odeeffannoo Koloneel Abbabaa Garasuu, mootummaan furmaata barbaadaa jira jedhu, Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera.

please wait

No media source currently available

0:00 0:09:02 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG