Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Hidhaa “ Jeel Ogadeen” Jedhamu Keessa Leenca fi Waraabeessa akkasumas Bineensii Lafa Irra Lo’uutu Jira: Hidhamaa Achii Ba’e


Bulchiinsa naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaa keessatti hidhamanii kanneen gadhiifaman keessaa tokko dargaggoo Kabaa Margaa umriin Soddomii tokko.Kabaan Yunivarsitii Haroomaayaa irraa barnoota Akkaawuntiing digrii jalqabaan eebbifame. Sana booda bulchiinsa naannoo Somaalee keessatti ramadamee waggaa afuriif waajira Telee Kom keessa hojjataa ture.

Jala bultii waggaa haaraa Itiyoophiyaa ka baranaa 2011 waajiraa ba’e ituu manatti gal jiru humnootiin addaa kan bulchiinsa nannoo somaaleen qabamee fudhatamuu dubbata.Wanni isaan gaafataniin Adda Bilisummaa Oromoo fi hogganaa OMN Jawaar Mohammad waliin hidhata akka qabdu bira geenyee jirra ka jedhu ture.

Mana hidhaa adda addaa kan Jigjigaa keessaatti yeroo baatii shan guutuuf jedhu hidhame.Yeroo dhumaaf kan ture mana hidhaa dararaa hamaan keessatti gaggeeffamu “ Jeel Ogaaden” ta’u isaa kan dubbate dargaggoo Kabaan mooraa mala hidhaa sana keessa Leenca fi Waraabeessa akkasumas Bineensii Lafa Irra Lo’antuu jira jedha.

Kunis hidhamtoota dararuuf kan itti gargaaraman yoo ta’u hidhamtoonni bineensoota Kanaan nyaatamanii kan du’an ni jiru jedha.Bofaa fi lotuun biraas hiddanii yeroo nama ajjeesn reeffa namaa fudhanii mataa miila ykn luka qaba taanaan irraa kutuun iddoo qophaa’eetti awwaalu jedha.

Dubartoota hidhaa keessa jiran dhiira baayyeen gudeeduun akka jiru kana irraa kan ka’e iyyi dubartoonni gudeedaman kun dhageesiisan haga ammaatti sammuu koo na jeeqa jedha.Waluumaagala Manni hidhaa “Jeel Ogaadeen” addunyaa kamiin iyyu keessa jira jedhee hin yaadu jedha dargaggoo Kabaa Margaa.

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:23:32 0:00

XS
SM
MD
LG