Waraana naannoo 5 fi ka Federalaa Mooyaletti nama 13 caalaa fixe jedhan Yaaballotti ummati hiriira bahee rakkoo tana himateef
Waraanii naannoo shanii ji’a dabre keessa torbaan tokko Mooyyale hadhee nama hedduu fixee kurnya hedduullee madeesse. https://www.voaafaanoromoo.com/a/4657045.html
Dhiyoo tanallee waraanii kun akka warrii lafaa jedhutti waraana al-shabaabii fi milishoota Islaamummaa hedduu daratee mi’a waraanaa guddaan Mooyalee hadhuutti jira.
Ijjeehcaa tanaan akka bulchaa magaalaa Mooyyalee aabba Fuggicha Dheengee VOA-tti himetti nama 13 caalu fixe.
Akka bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Baggajjaa Morgee jedhetti ammoo waraanii haga hardhaallee ittuma jiraa nama 15 fixanii kurnya hedduu madeessan.
Nama fixan keessaa sadii akka bulchaan aanaa Mooyyalee jedhetti jaarrolee biyyaatii waraana mootummaatti fixee qawweellee irraa fudhate.Mooyyalee akka warrii lafaa jedhutti biyyuma dhiitee bariitellee waranaaati. https://www.voaafaanoromoo.com/a/4655393.html
Hardha akka warrii lafaa jedhetti biiroo fi manneen barnootaallee cufee ummatii hiriira bahe.
Waan hiriira itti bahan keessaa ta dhibiin waan itti aanaan bulchiinsa nagaa Oromiyaa,Abbebee Geresuu jedhe jedhan. Akka bulchaa Mooyyaleetii fi warrii lafaa jedhetti kashlabboota Oromooti rakko fide malee naannoon Somaalee womaa hin yakkine.
Bulchaan Mooyyalee ammoo itti gaafatamaan sun waan jedhee Oromoo dhiifama gaafachuu malee nama manneen gubee nama fixee bahe al-shabaab.
Warrii hiriira bahellee Geresuu Tufaa hujii irraa bu’uu malee bulchiinsii waan Oromiyaan keessa jirtu quba hin qamne bulchiinsa hin tahu jedhe. Aanaa Goomelee, aanaa akka Hiddi-lolaa fi fulaa akka akkaatti