Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexxessonni Prezidaantii Sudaan Irratti Mormii guyyaa 3 Labsan


Gareen gazexxessoota Sudaan mormii prezidaantii Omar Al Bashir irratti gaggeeffamaa jiru deggeruun mormii gaggeessaa jiru.Caasaan Gazexxesoota Sudaan Kamiisa har’a kaasee mormii guyyaa 3 kan labse yoo ta’u kunis mormii prezidaant Al Bashir irratti Muddee 19 kaasee guutuummaa biyyatti keessatti gaggeeffamaa jiru deggeruuf ta’uun beekamee jira.

Hiriirri mormii gaggeeffamaa jiru kun hanqiina boba’aa fi nyaataa uumuun gatiin Daabboon ittiin bitamuu akka qaala’uu godhee jira.

Yeroo torban tokkoo keessatti hiriirri haaraan gaggeeffamuun isaa kamiisa har’a isa jalqabaati. Kibxata darbee prezidaant Bashir aangoo akka gadhiisaniif hiriirri gaafatu masaraa mootummaa biratti gaggeeffamee ture.

Prezidaantichis hiriirtonni kun gantootaa fi kanneen bitamanii ajjeechaa gaggeessan ittiin jechuun balaaleeffatan.Garu dinagdee irratti jijjiramafiduuf waadaa seenanii jiru.

Gareen mirga dhala namaaf falmuAmnestii Iternashnal hiriirtoota keessaa 37 humnootii nageenyaan torban darbe ajjeefamuu kan ibsu gabaasa qabatamaa qaba jedha.

Al Bashir irree jabaan waggootii 29f Sudaaniin bulchaa jiru.

XS
SM
MD
LG