Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daangaan Eertraa fi Itiyoophiyaa Banameera Daraggoni Tigraay Immoo Mormii Dhageessisan


Daangaan Itiyoophiyaa fi Eertraa baatii Fulbaana darbee mul’inatti erga banamee qabee jiraattonni naannoo Humaraa fi Omhaajer daandiin sun akka banamu gaafataa turan.

Daandichis kaleessa erga banamee qabee uummati uummata waliin wal arguu jalqabuu isaaf lammiiwwan Eertraa gara Humaraati imaluu jalqabuu jiraataan Setiit Humaraa ibsaniiru.

Gama biraan immoo lakkoobsi isaanii hedduu kan ta’e dargaggoonni magaalaa Setiit Humaraa kaleessa hiriira ba’uu dhaan gamasitti imalanii kan turan prezidaantii naannoo Amaaraa Gedduu Andaargaachew irratti mormii isaanii dhageessisuun ibsameera. Dargaggoonni sun daandii cufuun illee beekamee jira.

Jiraattonni sun jiraattota naannoo Amaaraa irratti mormiin dhageessisan dhalattoonni Tigraay naannolee amaaraa adda addaa keessatti walitti bu’iinsa uumameen qe’ee ofii irra buqa’an jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:16 0:00

XS
SM
MD
LG