Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mannen Seeraan Alaa Laga Xaafoo Keessaa Digamuun Kun Kan Jalqabaa Miti:Obbo Admaasuu Daamxoo


Laga Xaafoo
Laga Xaafoo

Laga Xaafootti manneen seeraa-ala ijaaraman diiguu irratti dogoggorawwan uumaman yoo jiru ta’e ka qulqulleeffatu gareen tokko akka gara sanatti bobba’u prezidaantiin bulchiisa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa ajajanii jiran. Gareen hojii kun guyyoota as aanan keessa akka hojii isaa jalqabu hoogganaan waajira dhimmoota koomiyuunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Admaasuu Daamxew Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsanii jiran.

Manneen seeraan ala ijaaraman kana diiguu jalqabuu dura odeeffannoo jiru hordofuun irratti mari’atamee kan gaggeeffamee ta’u kan ibsan Obbo Admaasuun akka waan mana iyeeyyii qofa adda baasuun diigameetti dubbatamuun sirrii miti jedhan.Maraafuu dogoggoraan wanni hojjatamee jira yoo ta’e gareen kun qoratee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’u ibsan.

Hojiin manneen seeraan ala ijaaraman diiguu kun magaalaalee 25 keessatti gaggeeffamaa akka jiru akkasumas bara darbee iyyu Laga Xaafoo keessaa manneen kuma tokko deegamuu ibsan.Kunis jijjiramnii eega jalqabamee booda qonnaan bulaa fi uummata biraa gaaffii dhiyaateen ta’u Obbo Admaasuun Daamxoo ibsanii jiru.

Dhimmuma kana ilaalchisuun muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimedis Dilbata darbee Guraandhala 24 bara 2019 hoogganoota kutaalee hawaasaa adda addaa waliin marii geggeessan keessatti dhimma Laga Xaafoo kana akka fakkeenyaatti kaasuun dubbatan.

Laga Xaafoo keessatti hojii gaggeeffame kana hin beeku hin dhageenyees.An bulchaa magaalaa Sanaa waan hin taaneef.Garu Uummanni hunduu ana irratti iyye jedha.Inni sirreessuu sirreessuu qaba jedhanii waan eegan waan qabaniif ta’a jedhan.

Torban darbee aangawoonni Federaalaa fi kan mootummaa naannoo Oromiyaa Laga Xaafoo daw’achuun isaa ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG