Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqataan Heddumaachuun Qabeenya Biyyatti Irraatti Rakkoo Fidee Jira: Masrii


Santo Makooyii, Baqataa lcmmii Suudaan Kibbaa Masrii dahoo godhatee jiruu hojii artii isaa wajjin
Santo Makooyii, Baqataa lcmmii Suudaan Kibbaa Masrii dahoo godhatee jiruu hojii artii isaa wajjin

Walitti-bu’insaa fi jeeqamsii siyaasaa Sudaan akkasumas biyyoota Afrikaa kanneen biroo keessa jiru baqattoota kuma hedduu ofiifis ta’e maatii isaaniif jireenya foyya’aa barbaacha biyya ofii dheessuun akka godaanan dirqisiisaa jira.

Hedduun gara Masriitti kan qajeelan yoo ta’u kunis qabeenya biyyatti irratti hanqiinni akka mudatu godhee jira.Kan magaalaa galma mootummaa Sudaan Kaartuum irraa dheesse baqataan El Haadi jedhamu raadiyoo sagalee Amerikaaf akka ibseetti amantii waliin wal qabatee himannaa irratti dhiyaate baqa Sudaan keessaa ba’e.

Hadiin Barreessaa fi Gazexxessaa ture. Gaafa amantii Kristaanaa fudhatu polisiin Sudaan ana irratti qiyyaafatan jedha.Kaartuum keessatti polisiin akka gara waldaa Kristaanaa deemuu dhaabee amantii keessa jiru balaaleeffatu itti himan. An garu nan didee jedha. Qophaatti na hidhanii na reebu, gad gargalchanii na rarraasu jedhe.

Dararaa irra ga’e irraa godaannis irra ga’e qaama koo irra jira kan jedhu Haadiin gadda guddaan godaanisa irree isaa fi gatiitti isaa irra jiru agarsiise.Hidhaa torban hedduu booda bara 2014 gara Kaayrootti dheesse.Asittis sodaa keessan jira. Gaadidduu warra na ari’atuu jalaa dheessee, hiriyyonni koo durii na ganan, kunoo nama qopha-galeessan ta’e jedha.

Hogganootaa fi mootummoota Awuroopaa fi Afrikaa kanneen dhiyeenya kana walgahan irratti prezidaantiin Masirii El Sissiin biyyi isanii heddumiina baqattotaan rakkataa akka jirtu ibsanii turan.

XS
SM
MD
LG