Xurree ittiin seenan

Breaking News

Uummanni Amerikaa Dhugaa Jiru Hubate: Saaraa Saandars


Duula filannoo prezidaantii kan bara 2016 ilaalchisee Traamp irratti qorannaa yeroo dheeraaf gaggeeffama ture walaba ta’u isaanii agarsiisa jechuun Waayit Haawus beeksisee jira.

Dulli filmaataa yeroo sana gaggeeffamee fi Raashiyaa giddu hidhata jira isa jedhamaa ture sana irraa Traamp guutummaatti walaba taasisee qorannaan gaggeeffame.

Itti gaafatamtuu preesii kan bulchiinsa Traamp Saraa Sandars Televiziyoona NBC fi CNN jedhaman irratti har’a dhiyaatanii duula filmaataa prezidaant Traamp akka injifatan gargaarae jedhamee fi Raashiyaa gidduu hidhati akka hin jirre uummanni Amerikaa baree jira jedhu.

Kanas qorannaa baatilee dheeraaf Robart Mullar gaggeessan bakka murtiin haqaa itti cabee akka hin jirre agarsiise jedhan.

Abba alangaa mummichi Wiliyaam Baarr qorannaa Mullar gaggeessan walitti qabuun gabaasa fuula 4 eega baasanii guyyaa tokko Sandars injifannoo Traamp kan labsan.

XS
SM
MD
LG