Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Taahilaand Eenyu Injifata?


Lammiwwan biyya Taahilaand ba’ii filannoo biyya isaanii gara bulchiinsa Dimokraatawaatti deebisa jedhanii amanan eegaa jiru.

Mummichi mimisteera biyyatti garu bulchiinsa waraanaa jalatti aangoo qabatanii turuu fedhu qeeqnii jedhu hedduminaan dhaga’amaa jira.

Ba’iin filannoo ka duraa Dilbata kaleessaa gara galgalaa ba’an sakka agarsiisanti sagalee uummataa lakka’aman keessaa harkii 93 bulchiinsa waraanaa deggeru.

Kana jedchuun sagalee nama Miliyoona 7.6 jechuu yoo ta’u kun paarlaamaa biyyatti keessatti sagalee yayyabaa argachuu hin dandeesisu.

Kaadhimamaan lammataa kan paartii mummicha ministeera duraanii Taay Pheu jedhamu sagalee miliyoona 7.1 argachuun sadarkaa lammaffaa qabatee jira.

Duula na filadhaa gaggeeffame keessatti sagalee uummanni kennu maallaqaan bituun akka ture kan gabaafame yoo ta’u gaafa filannoon gaggeeffame garu biyyoota tajjabdoota filmaataa turan kan akka Awustraaliyaa kaanaadaa Amerikaa fi kanneen biroo 10 biraa komeen dhiyaate xiqqoo ture.

XS
SM
MD
LG