Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaara Kufee Kan Ilaaleen Deebiin Argamuu Qaba. Obbo Tawaldee G/ Maaariyam


Gostii xayyaara Itiyoophiyaa kan dhiyeenya kana kufee Bo’iing 737 MAX jedhamu kan ilaaleen gaaffilee hedduun deebii hin argatiin jiru kan jedhan hogganaan daandii balalii Itiyoophiyaa rakkoon mudate maal akka ta’e baruuf walta’iinsii guutuu fi ifa ta’e akka jiraatu gaafatan.

Hanga deebii argannuutti lubbuu nama ka biraa ammaan booda balaa irra buusuu hin feenu jedhan obbo Tawaldee Gabra Maariyaam baatii Onkolooleessa darbe xayyaarri wal fakkaataan kan Indoneshiyaa akkasumas kufee akka ture yaadachiisan.

Kan Itiyoophiyaa Bitooteessa 10 BARA 2019 eega kufee namnii dhumee booda Xayyaaronni MAX 8 akka hin balaliine goone jedhanii

Guyyoota hanga tokko booda immoo xayyaaronni wal fakkaatoon sadarkaa addunyaatti akka hin balaliine ta’u isaa nan deggera jedhan Obbo Tawaldeen.

Hojjatoonni keenya leenjii barbaachisaa kanneen argatan ta’u beekna jedhanii balaliisaan xayyaaraicha Itiyoophiyaa kufee leenjii hin arganne jechuun Amerikaa keessa kan maadheffatan Niiw York taayims fi Waashingtan poost oduu dharaa hundee hin qabne gabaasan jedhan. Knaafis himannaa irratti dhiyaachuuf ka jiru ta’u Obbo Tawaldeen ibsanii jiru.

Gama kaaniin walgahii kaampaaniin Bo’iing Amerikaa keessatti waame irratti daandiin balalii Itiyoophiyaa kan hin hirmaanne ta’u dubbi himaa waajirichaa kan ta’an Obbo Asraat Bagaashaaw RoytarsiiF bilbilaan ibsanii jiru.Boo’iing akka jedhutti lakkobsaan 200 kan caalan balalistoota, hogganoota hojii teknikaa fi to’attootaaf Robii fullee keenyaa xayyaara 737 MAX kan ilaaleen odeeffannoo kennuuf jira.y

XS
SM
MD
LG