Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal Ga’iin Gimboot Torba Baahir Daaritti Waame Ni Bittinnaa’e


Dr. Biraanuu Naggaa, Hogganaa Ginboot 7
Dr. Biraanuu Naggaa, Hogganaa Ginboot 7

Gareeleen hidhatan waltajjii uummataa qopheessine akka nuti hin geggeessine callisee ilaaluun mootummaan naannoo harka keessaa qabaachuu mul’isa jechuu dhaan Gimboot torba dameen Baahir Daar komee dhiyeesse.

Mootummaan gama isaan komee sana haalee jira. Gimboot torba dilbata darbe galma mana maree naannoo keessatti geggeessuuf kan ture waltajjiin uummataa mormii cimaa dargaggoota biraa dhiyaateen utuu hin geggeessamin hafuun ni yaadatama

Bitootessa 15 bara 2011 jechuun dilbata darbe Gimboot torba deggertoota fi miseensota isaa waliin Baahir Daar keessatti wal ga’ii geggeessuuf beellama qabatee ture.

Haa ta’u malee mormii dargaggoota biraa dhaga’ameen wal ga’iin kun hafuu isaa Qindeessaa Gimboot torbaa damee Baahir Daar dargaggoo Mengistu Amare ibsee jira.

Dhimmootii biyya kan yeroo ammaa akkasumas sochiin paartii haaraa hundeeffamee maal fakkaata kan jedhu irratti miseensotaa fi uummata waliin mariin geggeessamuuf kan karoorfame ture jedha Dargaggoo Mangistuun.

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:24 0:00

XS
SM
MD
LG