Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xumuramuun Qorannaa Dhimma Raashiyaa Washingtenitti Bitaa Gale


Abbaan alangaa muummichi William Barr akka jedhanitti prezidaant Traamp qorannaa Mueller-n geggeessamu danquu dhaan murtii haqaa ukkaamsan isa jedhuuf enaa deebisan gabaasichi prezidaantiin yakka raawwate kan jedhu of keessaa hin qabu jedhan.

Qorannaa geggeessame prezidaantummaa Ameerikaa qormaata keessa kan galche ture.

Abbaan alangaa muummichi William Barrs gabaasa qorataa addaa Robertu Mueller dilbata kaleessaa ifa godhanii jiru. ibsa kennaniinis prezidaant Doonaald Traampis haa a’u duulli filannoo isaanii ykn eenyu iyyuu kan isaan waliin walitti dhiyeenya qabu Raashiyaan filannoo prezidaantummaa kan bara 2016 gidduu akka seentu kan shire hin jiru jedhan.

Abbaan alangaa muummichi William Barr akka jedhanitti prezidaant Traamp qorannaa Mueller-n geggeessamu danquu dhaan murtii haqaa ukkaamsan isa jedhuuf enaa deebisan gabaasichi prezidaantiin yakka raawwate kan jedhu of keessaa hin qabu jedhan.

Qorannaa geggeessame prezidaantummaa Ameerikaa qormaata keessa kan galche ture.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:58 0:00

Prezidaant Doonaald Traamp, giddu seeninsi hin turre. Giddu seeniinsa ka jedhu kijibatu geggeeffamaa ture. Jiddu seeniinsa adamsa falfaltuu fi kan kijibaa ti. Ani Raashiyaa waliin waan ani shire hin qabu jedhan.

Gabaasichi xumuramee abbaa alangaa muummicha William Barr-tti kennamee jira. Gabaasa kana Kongresii fi uummata Ameerikaaf beeksisisuuf isaantu aangoo qaba. Dimokraatonni dhimmi kana irratti dubbachuu jalqabaniiru.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG