Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ija Koo Duratti Ijoollee Koo Bishaan Nyaachisan. Garu Dhiifama Godheeraaf: Dubartii Rwaandaa


Ijoollee koo sadan fi kan obboleettii koo tokko bishaanti darbanii yeroo ajjeesan biran ture kan Jettu Lidiyaan amma umriin ishee 46 ta’u dubbatti.Meencaan nama kukkutuu nuffanii bishaanti darbuu jalqaban. Dubartoota dhisaa jedhee Intarhamween ajaja waan kenneef nu dhiisan.

Sana booda irra deddebi’uun humnaan na gudeedanii warra Titsii fixnee jirra, sichii ijoollee warra Hutuu deessa jechuun na tuman.Firoota koo kan abbaa manaa koo waluumagala nama 73 na jalaa ajjeesan. Lidiyaan ergasii hin eerumne ijoollees hin godhanne.

Har’a garu hammam yoo ta’e kanneen yakka kana nu irratti gaggeessaniif dhiifama gochuu qabna kan jettu Lidiyaan haaloo fi dubbii garaatti baatanii ollaa waliin jiraachuun hin danda’amu. Kana malees haaloo fi jibbi dhukkuba dawaan hin fayyiifne nama keessatti uuma jetti.

Gabaasa guutuu caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:42 0:00

XS
SM
MD
LG