Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara 1994 Ruwaandaa Keessa Abdiin Tokko Hin Turre, Dukkana Qofa: Prezidaant Pool Kaagaamee


Rwaandaan seenaa dhiyeenya kanaa keessatti duguugamiinsa sanyii hamaa gaggeeffame waggaa 25 ffaa Dilbata Ebla 07, bara 2019 yaadattee oolte.Guyyaan yaadannoo guyyoota dhibba tokkoof turu Dilbata kaleessaa jalqabame.

Sirna kana irratti prezidaantiin biyyatti Pool Kaagaamee haasawaa dhagesisaniin namoota fixiinsa sana irraa lubbuun hafan galateeffatanii jiru.

Hogganoota biyya alaa kanneen sirna Kigaalii, Rwaandaa keessatti guyyaa Dilbata kana gaggeeffame irratti argaman keessaa mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad tokko turan.

Dr. Abiyyi Waggaa 24 dura gama Tokkummaa mootummotaan jila Rwaandaa ergame keessa turan. Rwaandaan humna araaraa, marii fi dhiifama argame irra dhaabattee ifa ishee ibsuu itti fuftii jedheen abadaddha jedhan.

Gabaasa guutuu Caqasaa

please wait

No media source currently available

0:00 0:02:43 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG