Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kamisee fi Shawaa Kaabaa Keessatti Tasgabiin Bu’eera : Angawaa Waraanaa Ka Sadarkaa Olaanaa


Walitti bu’iinsa Kamisee fi naannoo isheetti Bitooteessa 24 bara 2019 uumamee kan ilaaleen waan dubbatamaa ture adda addumaa akka qabu mootummaa naannoo Amaaraatti bulchaa dureen godina saba Oromoo Obbo Ahmad Hassan ibsanii jiru.Silaa iyyu “ Qabeen Waanuuma Keessa Jiru Dhangalaafti “jedhanii Qabeen bishaan baatu damma hin dhangalaasu jedhu Obbo Ahmad.

Achuuma Bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa aangawoonni jiran waa’ee walitti bu’iinsa uumamee kaan Adda Bilisummaa Oromootu gaggeesse ennaa jedhan kaan immo hin beekamnee, kaan immoo uummatatu wal waraane jedhu.Maraafuu qoratamaa kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa godina Shawaa kaabaa keessatti walitti bu’iinsii Haxaayee, Kaarraa Qoree, Maajatee fi kanneen biroo keessatti gaggeeffamees isa kan Kamisee keessaa waliin hidhata qaba kanneen jedhan jiru.

Angawaan ajaja waraanaa kan sadarkaa olaanaa tokko garu iddoo hundaattuu “hidhattoota qaama nageenya bulchiinsa naannoo jala jirantu” walitti bu’iinsa kana gaggeesse waan ta’eef dhaabsisuuf rakkisaa ture jedhan.Kana malees ABO dha kan jedhu sirrii miti, maraafuu qoratamee dhugaan isaa beekama jedhan.

Garu iddoo hundumatti tasgabiin bu’u isaa fi namoonni qe’e ofii irraa godaananitti deebi’uu isaanis aangawaan waraanaa kan sadarkaa olaana kun hubachisanii jiru.

Maraafuu qaamonni adda addaa maal jedhan?

Kutaa 1ffaa:

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:16 0:00

Kutaa 2ffaa:

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:08 0:00

XS
SM
MD
LG