Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunivarsitii Walloo Keessatti Jeequmsi Kaleessa Jalqabame Har’as Itti Fufee Oole


Yunivarsitii Walloo keessatti jeequmsi kaleessa jalqabame har’as itti fufee oole.

Gabaasaan VOA - Mesfin Aarraagee, Desee irraa akka gabaasetti, gidduu kana – bulchiisa naannoo Amaaraa, godinaa bulchiinsa sab-lammii Oromoo fi godinaa Shawaa Kaabaa – naannoolee Axaayyee, Maajetee fi ka biroo keessatti walitti-bu’insi uumamee lubbuun namaa miidhamuu hordofee, kanneen Yunivarsitii Walloo, mooraa Desee keessa jiran – barattoonni kaleessa mormii isaanii ibsanii akka turan prezidaantiin Yunivarsitichaa – Dr. Abaatee Geetaahun VOAf ibsanii jiran.

Haala mormii sanas ennaa dubbatan, barattoonni hagi tokko mooraa keessaas mooraadhaa alaas, “mirgi Amaaraa haa kabajamu. Amaarri miidhamaa jira” ka jedhu sagalee isaanii dhageessisaa, buufata Poolsii Shanaffaa bira ennaa gahan gara magaalaatti akka hin dabarre, humna nageenyaa naannoo tureen ennaa dhorkaman xiqqoo wal-dhibdeen uumamuu isaa fi barattoonni gara mooraatti deebi’uu isaanii ibsan.

San booda barattoota gidduutti wal-dhibdeen uumamuu isaa illee dubbatan.

“Damee gam-lameenii keessaayyuu rakkoon akka uumamu kanneen fedhan tu jira. Isa kana keessaas is asana keessaas, alaas rakkoon kun akka uumamu qaamni barbaadu waan tureef, walitti-bu’insi hagi tokko uumame,” jedhu – Prezidaantiin Yunivaristichaa

Walitti-bu’insa kana keessatti, hojii guyya guyyaatti namni bobba’ee jiru tokko du’uu isaa fi barattoonni afur salphaa madaawanii wal’aansa fayyaa argatanii deebi’uu isaaniis dubbatanii jiran. Rakkoo kanaa booda, Ajajaan Humna Addaa Naannoo Amaaraa – Maajer Jeneraal Teferraa Maammoo, Koomishinarri Koomishinii Poolisii naannichaa - Abberee Addaamuu fi qaamonni ka biroon kan itti hirmaatan mariin barattoota waliin geggeessamee jira. Keessumaa barattoota Amaaraa fi barattoota Oromoo gidduutti wal-dhibdeen uumamee akka rakkoo hin fidne, aangawoonnii fi abbootiin amantii gorsanii jiran, jedha gabaasaan keenya – Masfin Aarraagee.

XS
SM
MD
LG