Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘WBO’n Sichi Hooggansa ABO Finfinnee Jiru Waliin “Waliif Hin Taligmu; Wal Hin Taligus ” Ibsa Waraana Bilisummaa Oromoo


Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa “Jaal Marroo” jedhamuun beekaman, Kumsaa Dirribaa
Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa “Jaal Marroo” jedhamuun beekaman, Kumsaa Dirribaa

Waraanni Bilisummaa Oromoo hooggana Adda Bilisummaa Oromoo Finfinnee jiru irraa ajaja fudhachuu akka dhaabe ibsa baaseen beeksise jira. Kan hojii waraanichaa hoogganuu fi taliigu Ajajaa Waraanaa Ol’aanaa WBO hundeessuu isaas ibsuma torban tokko dura baase kanaan beeksise, waraanichi.

Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Lixaa “Jaal Marroo” jedhamuun beekaman, Kumsaa Dirribaa, ‘WBO’n murtii kana irra gahuun isaa haala Itiyoophiyaa keessa jiru irraa kan ka’e hooggansa ABO Finfinnee jiruu fi WBO gidduu wal-quunnamtiin waan dhabameef akka tahe dubbatan. Ibsa kana irratti dubbi-himaan ABO, Obbo Toleeraa Adabaas, Finfinnee irraa deebii gama isaanii kennanii jiru. Lameenuu gabaasaa keenya Naayiroobii jiru, Galmoo Daawit tu haasofsiise. Caqasaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:26 0:00

XS
SM
MD
LG