Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Godinaa Shawaa Kaabaatti Hookkara Uumameen Lubbun Namoota Baduu fi Qabeenyi Manca'uun Beekkame


Bulchiinsa naannoo Amaaraa, godinaa Shawaa Kaabaa, naannoolee Axaayee, Kaarraa Qoree, Maajetee fi ka biroo keessatti hookkara uumameen namoonni hedduun dhumuu fi ka biroon madaa’uun himamee jira. Qabeenyaan heddun illee manca’uu isaa, Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Miidhaa dhaqabe kana mara keessa harka ABO tu jira, jechuun Biiroon Nagaa fi Ijaarsa Naga-eegumsaa Naannoo Amaaraa himatee jira. ABOn immoo gama isaatiin miidhaalee dhaqqaban kaana keessaa harka hin qabu, jechuun himata dhihaate haalee jira.

Gama biraatiin, sana booda, aangawaan ministarii Ittisaa Itiyoophiyaa har’a Raadiyoo sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, bakka walitti-bu’insi sun itti uumame - bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa kanneen jiran - Bulchiinsa Sab-lammii Oromoo fi godinaalee Shawaa Kaabaa keessa eega raayyaan ittisaa seenee booda hookkarichi guutummaatti dhaabachuu isaa dubbatanii jiran.

Itti-gaafatamaan waajira Itti-aanaa Ajajaa Humnoota waraanaa ka ta tahan – Koleneel Tesfaayee Ayyaaleew, waahila keenya – Tsihoon Girmaa waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, walitti-bu’unsi sun ka geggeessame uummatoota gam-lameenii gidduutti akka hin ta’iinitti dubbatan.

“Kanneen walitti-bu’anii fi walitti-dhukaasan, hidhattoota gama lameen keessa jiran. Miidhaaleen dhaqqabanis gama lameenii ti,” ka jedhan – aagawaan Ministirii Ittisaa kun, ABOn naannoo sanaa humna hidhate akka hin qabne dubbatanii jiran.

XS
SM
MD
LG