Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaan Gootota Oromoo Magaalaa Ambootti Kabajame


(Suuraa faayilii)

Guyyaan Gootota Oromoo har'a Magaalaa Ambootti sirna ho'aadhaan kabajamee jira. Sirna yaadannoo kana irratti kan haasawa dhageessisan Hayyu-Dureen Adda Bilisummaa Oromoo, obbo Daawud Ibsaa mootummaan Uummata Oromoo fi ABO hiikkachiisuu qofaarratti qiyyaafachuu dhiisee, kanneen mootummaa jalattis tahe mootummaa dhaa alatti hidhatanii socho'anitti furmaata gochuu qaba, jedhan.

Qawween siyaasa keessaa bahee gara filannoo nagaatti akka deemamuu fi nageenya waarawaa fiduuf akka hojjetamu waamicha godhanii jiran. Hoogganoonni paartiilee siyaasaa ka biroo fi beektonnis sirna kana irratti ka dubbatan yoo tahu, maatii wareegamtootaaf waraqaan beekamtii fi badhaasni kennamee jira.

Naakoor Malkaa tu Ambo irraa gabaase.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:08 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG