Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi Ministeera Maalii fi Mootummaan Isaanii Guutummaatti Aangoo Gadhiisan


Tabankort, Mali

Mummichi Ministeera Maalii fi mootummaan isaanii guutummaatti kamiisa kaleessaa aangoo gadhiisan.

Ibsii waajira prezidaantii biyyatti Ibraahim Keytaa biraa ba’e akka jedhutti mummichi ministeeraa fi miseensonni mootummaa kanneen biroon aangoo gadhisuu isaanii prezidaantichii simatanii jiru.

Biyyatti kutaa waaltaa keessatti hokkarri eega hammaatee booda tarkaanfii kana fudhatan. Kunis baatii darbe horsisee bulaan gosa Fulaanii 160 shakkamtoota adamsituu Dogon jedhamniin eega ajjefamanii booda.

Tokkummaan mootummotaa akka gabaaseetti waggaa dabree hawaasa Fulaanii fi kan Dogon giddutti wal waraansa gaggeeffameen dubartoota ijoollee fi dhiiroota waluumaagala 600 ta’an galaafatee jira.

Torban lama dura magaala galma mootummaa Maalii, Baamaakoo keessatti uummanni hedduminaan hiriiree mootummaan hokkara sana dhaabsisuu dadhabe jechuun falman.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG