Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdent Keeniyaattaan Galmee Walii Galtee Mormitootaa fi Mootummaa Walitti Fida Jedhame Raggaasisan


Pirezdentiin Keeniyaa harra galmee siyaasa biyya keeniyaa walitti fida jedhamee amaname Building Bridges Initiative jedhamu raggaasisanii jiru. Galmeen kun ji’a sagal dura Keeniyaattaa fi dursaa paartii mormituu Raaylaa jidduutti walii galtee gaggeeffameen booda dhiyaatee irratti mariyatamaa ka ture yoo tahu, rakkoo siyaasaa fi hawaasummaa akkasumas ka diinagdee Keeniyaan keessa jirtu ni furaa jedhamee amanamaa jedhan.

Galmeen gabbifamaa turee kaleessa ifa ta’e kun qabxilee sagal qaba, isaan keessaa gurguddoon, siyaasa biyyattii gandummaaarraa fageessuu, qaami marti bakka bu’umsa dhugaa akka qabaatu eyyamuu, nageenya kaabchiisuu, malaammaltummaa to’achuu fi qabeenya biyyaa haalaan hirachuu faadha.

Keeniyaattaan yoo galmee kana sabaaf ifa taasisan gaggeessitoonni xinnaatu yaada tokko nu taasisurratti waliin hojjechuu qabnaa jedhan.

Keeniyaattaan dabalanii gaggeessitoonni dursa fedha isaanii qajeelaa taasisuu akka qabanis dhaamanii jiru. Dursaan paartii mormituu Raaylaanis galmeen amma dhiyaate kun rakkoo biyyaa hedduu furaa jechaan dubbatanii waajjirri mootummaas malaammaltummaarraa akka qulqullaawuuf karaa bana jedhu.

Galmeen Building Bridges Initiative jedhame kun sadarkaa mana maree godinaa fi aanaatti mareen irratti kan gaggeeffame yoo tahu, bajanni bulchiinsa godinaa harka 35 akka daramu, muummichi ministiraa akka muudamu, kaabinee olaanaan mootummaas, Itti Aanaa Pirezdentii, muummicha ministiraa, Pirezdentii fi miseensota ministiroota kaabiinee ta’uu akka qaban kaa’a.

Warri paartii mormituus paarlaamaa biyyattii keessatti dhagahamtii qabaachuu qabaachuu labsee, malaammaltummaa to’achuufis nama qarshii ummata hatame ifa baaseefis dhibbeentaan shan yaa kennamuu jedha.

Pirezdent Keeniyaattaan Galmee Walii Galtee Mormitootaa fi Mootummaa Walitti Fida Jedhame Raggaasisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:36 0:00


XS
SM
MD
LG