Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartii Badhaadhinaatti Makamuuf Waliigallee: ODP


Paartii Badhaadhinaatti Makamuuf Waliigallee: ODP
Paartii Badhaadhinaatti Makamuuf Waliigallee: ODP

Paartiin Demokraatawaa Oromoo  yaa’ii ariifachiisaa guyyoota lamaaf Adaamaa keessatti gaggeesseen ajandaawwan Riifoormii fi walitti makamuu Paartii Badhaadhinaa irratti erga mari’atee booda hirmaatonni sagalee guutuun mirkaneessuu isaanii aangawaan paartichaa sabaa himaa mootummaaf ibsanii jiru.

Koree giddu galeessaaf Miseensa kan ta’an Obbo Kaasaahuun Gofee akka ibsanti yaa’ii dhaabattummaa ODP 9ffaan magaalaa Jimmaatti gaggeeffame irratti dura ta’an dhaabatichaa riformiin akka barbaachisu ibsuu isaanii dubbatan.

Yaa’ii arifachisaan guyyaa lamaaf Adaamaa keessatti gaggeeffame paartii haaraa hundaa’uu badhaadhina dambii ittiin bulmaataa fi sagantaa paartichii ittiin hogganamu irratti kalleessa mariin eega gaggeffame booda hirmaattonni yaaddoo qaban ibsanii ibsii bal’aa kennamuu dubbatan.

Walgahii har’a kan gaggeessan dura ta’aa ODP Dr. Abiyyi Ahmad ta’u fi hirmaattonni argaman sagalee guutuun walitti baquu isaa fudhachuu beeksisanii jiru.

Paartii Badhaadhinaatti Makamuuf Waliigallee: ODP
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:30 0:00


XS
SM
MD
LG